Kabajamoo Obboo Birhaanuu Baqqalaa

Manneen Murtii Oromiyaa, bara 2008 irraa eegale, karoora tarsiimoo qopheeffachuudhaan aangoo seera hiikuu qaama abbaa seerummaaf kenname milkeessuudhaaf sochii bal’aa taasisaa turaniiru, jirus. Keessattuu rakkoolee akka qaama abbaa seerummaatti turan madda isaanii qorachuun adda baasuu, tarsiimoo rakkoolee turan keessaa baasuu danda’an irra deebiin qorachuun sirna karooraa haaraa bu’aa irratti xiyyeeffate (KBIX) hojiirra oolchuudhaan, walumaagalatti, hojiileen rakkoo ture keessaa karaa tarsiimowaa ta’een bahuu fi jijjiirama qabatamaa ta’an fiduuf gargaaran boocamanii hojiirra ooluu eegalaniiru. Hojii irra oolmaa karoorichaa irraas bu’aaleen adda addaa fayyadamummaa hawaasaa dabalanis galmaa’aniiru. Karoora tarsiimoo kana keessatti, rakkoolee fi hanqinaaleen kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa irratti hudhaa ta’anii fi furuuf irratti hojjetamaa jiran keessaa kanneen ijoon qulqullina tajaajila abbaa seerummaa dabaluu, si’aayinaa fi dhaqqabamummaa tajaajila abbaa seerummaa fooyyeessuu fi bilisummaa fi miira itti gaafatamummaa madaalawaa ta’e hojiirra oolchuudhaan abbootii dhimmaa keenya garaa gahuu, dhumarrattis amantaa uummataa horachuu fi Manneen Murtii abdii uummataa ta’an ijaaruun akka galma waliigalaa karoorichaatti irratti hojjetamaa jira. Qulqullina tajaajila abbaa seerummaa mirkaneessuun Manneen Murtiitiif dhimma baay’ee murteessaa dha. Lammiileen tajaajila argatan irraa gammachuu akka qabaatanii fi Manneen Murtiis hojii hojjataniin uummata biratti amantaa akka argatan taasisuuf mirkanaa’uun qulqullina tajaajila abbaa seerummaa dhimma bu’uuraati. Rakkoolee gama qulqullina tajaajila abbaa seerummaa keenyaa jiran hiikuuf hojiiwwan kanneen akka leenjii dandeettii cimsuu kennuu, mariiwwan serootaa fi dhimmoota falmiisiisoo gaggeessuun ejjennoo walfakkaataa qabachuu, galmeewwan mutii argatan odiitii taasisuun hanqinaalee jiran adda baasuun kallattii sirreeffamaa fudhachuu, xiinxala galmeewwan oliyannoon deemanii fooyya’an, diigamanii fi qajeelfamaan deebi’anii gaggeessuun abbaa itti gochuu, hanqinaalee jiranis adda baasuun kallattii sirreeffamaa fudhachuu fi kkf hojjetamaa turaniiru, bu’aaleen jajjabeessoo ta’anis galmaaniiru. Gama birootiin, amantaa uumataa sadarkaa barbaadamuun horachuu kan dandeenyu, naamusa amalli hojii abbaa seerummaa barbaadu gonfannee yoo argamnedha. Kanuma irraa ka’uun, hojiin leenjii hubannoo naamusaa hawaasa manneen murtii keenyyaaf kennuun naamusa dagaagsuu akkasumas iddoo hanqinni naamusaa mudatetti immoo itti gaafatamummaa madaalawaa ta’e mirkaneessuu itti fufiinsaan hojjetamaa jira. Hojii gama kanaan hojjetamaa jiruunis bu’aaleen jajjabeessoo ta’an galmaa’aa jiru. Kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa gama hundaan bu’aa qabeessa fi ammayyaawaa taasisuuf, hojiin teekinolojii quunnamtii odeeffannoo babal’isuu fi diriirsuu murteessaadha. Teekinollojii kana mannen murtii keessatti, diriirsuun, kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa dhaqqabamaa fi si’ataa taasisuun cinnaatti, abbaan dhimmaa dadhabbii fi baasii xiqqaan tajaajila barbaadu dhiyeenyatti akka argatu ni gargaara. Kanuma bu’uura godhachuun hojiin riifoormiiwwaan teekinoolojii babal’isuu fi hojiirra olchuu, gara fuula duraattis manneen murtii waraqaa maleeyyii fi dijitaalawaa xiyeeffannoon hojjetamaa jira. Riifoormiiwwaan gama kanaan hojiirra oolaa jiran keessaa muraasni, sirna ergaa halaalaa(E-filing), sirna falmi halaalaa(VK), Maashina Sagalee Waraabaa, galmeelee iskaanii gochuun “Soft Copy” dhaan Qabachuu (Digital Archiving), sirna Daataa Beezii fi Bulchiinsa Dhangala’a Dhimmaa Elektiroonikaa, Sirna Bulchiinsa Dabaree Abbootii Dhimmaa (Queue Management System) fi kkf kaasuun ni danda’ama. Manneen Murtii Magaalaa Bishooftuus, akka qaama caasaa Manneen Murtii Oromiyaa tokkootti, karooraa fi riifoormiiwwan akka manneen Murtii Oromiyaatti bahan ofitti fudhachuun, karoora tarsiimoo fi karoora waggaa isaanii keessatti haammachiisuun hojiirra oolchaa jiru. Keessattuu, riifoormiiwwan kallattii teekinloojii Quunnamtii Odeeffannoon diriiran hojiirra oolchuun, hojiin kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa keenya dhaqqabamaa fi si’aataa taasisuu akkasumas baasii fi dhamaatii abbootii dhimmaa keenyaa hir’isuun hojjetame hojii fakkeenyummaa qabuu fi gara fuula duraattis, hanqinaalee muraasa darbee darbee gama kanaan mul’atan furuun, riifoormicha daran cimsinee irratti hojjechuu qabnudha. Walumaagalatti, kenniinsa tajaajila abbaa seerumnmaa manneen murtii magaalaa keenyaa qulqulluu, si’ataa fi dhaqqabamaa taasisuu akkasumas naamusa olaanaan kennuu keessatti, adda durummaan gaheen hawaasa manneen murtii keenyaa murteessaa waan ta’eef, gumaacha keessan daran cimsuun, mul’ata keenya bara 2022tti Mana Murtii Seera hiikuun haqaa fi Ol’aantummaa seeraa mirkaneessee amantaa uummataa horachuun biyyaa keenya keessatti fakkeenya ta’ee arguu qabame akka milkeessinu amaanaa isiniin jechuun barbaada.

Read More
Haqaan haqaf hojjanna...
Contact us

Phone: +1 123-456-7890
Email:

Scroll to Top