Yaa’ii Manneen Murtii Aadaa Naannoo Oromiyaa

Yaa’ii Manneen Murtii Aadaa Naannoo Oromiyaa Kurmaana 3ffaa,Bara 2017

——————————

(Caamsaa.17,2017 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)-Yaa’iin Manneen Murtii Aadaa Naannoo Oromiyaa Kurmaana 3ffaa,Bara 2017 magaalaa Bishooftuutti gaggeeffameera.

Yaa’icha irratti raawwii fi sochiin waliigalaa manneen murtii aadaa naannoo Oromiyaa baatii 9 dhiyaatee mariin irratti gaggeeffameera.

Manneen Murtii Aadaa haala haaraan gurmaa’anii sochii keessa erga galanii as hawaasni naannoo keenyaa haqa dhaqqabamummaa ta’e karaa salphaa fi baasiif hin saaxilamneen argachaa jiru kan jedhan Pirezidaantii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa,kabajamoo Obbo Gazaalii Abbaa Simal dhimmoonni sababa ragaa dhabuun gara qaamolee haqaatti dhiyaatanii furmaata argachuu hin dandeenye furmaata argachaa jiraachuu himan.Qaamoleen hawaasaa,mootummaa fi mit- mootummaa dhimmi ilaallatu manneen murtii aadaatiif itti fufiinsaan deeggarsa wal irraa hin cinne kennuu qabu jechuun dhaamsa dabarsan.

Yaa’icha irratti jaarsoleen mana murtii aadaa,abbootiin Gadaa, haadholeen Siinqee,Pirezidaantonni manneen murtii,hoggantoonnii fi ogeessonni caasaa Aadaa fi Turizimii fi keessummoonni waamichi taasifameef hirmaataniiru.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top